1-Soomana furiinsa jarjarsuu,yogguu aduun seenuu mirkaneyfatan.
Nabiin s.a.w. akkana jedhan ''namni toltumarra jira waan soomana furaa jarjarseen'
'bukhaarii fi muslim.
2-Asheeta
timiraa (Ruxaba) irratti furuu yoo dhabame timira irratti, yoo
hinjiraatin bishaanitti.Nabiin s.a.w. osoo magriiba hinsalaanne dura
asheeta timiraatti soomsns fura. yoo hinjiraatin timiratti yoo
hinjiraatin bishaan hammaarrata.'' Tirmiziitu odesse.
3-Yeroo
furan Rabbi kadhachuu.Hadiisatti ''Nama soomanaatiif yeroo soomana furu
kadhaa hindeeffamneetu jira''ibnumaajah odeesse.
4-Hiraabbachuu booda aansuudhaan wajji. Hadiisatti '' hiraabbadhaa nyaanni hiraabaa barakaa qabaa''.
5-Qaamaafii
arraba Badirraa uf qabuudha. Nabiin s.a.w. akkana jedhe.
"Soomanni wantaadha, yogguu guyyaan soomana tokkoo keessanii tahe akka hin baalaganne, akka hindogoggorre, yoo namni tokko isa arrabse yookaan isaan lole ani soomanaadha haajedhuuni (Akka arraba arrabaan deebisaa hin goone)".
bukhaariifi muslimtu odeesse.
Hadiisatti
" Namni jecha dharaa haasawuu hin diisin,itti dalaguufi dagoggora wallaalummaa kan hin dhiisin Rabbiin dantaa hinqabu nyaataaf dhugaatii dhiisuu isaarraa."
Bukhaaritu odeesse.
6-Nama
soomanu fursiisuu. Nabiin s.a.w. akkana jedhe "namni nama soomanaa
fursiise isaafillee fakkaatama sawaaba isaaniittu isaaf taha.
Akkasumaan wajji sawaaba namticha soomaneerraa homaa hin ir'ifaman.".
tirmiziitu odeesse
7-Arjoomuu fi sadaqaa heddummeysuu. Nabiin s.a.w. ramadaana keessaa qilleensa akkaan bubbifturra kheyritti (arjummatti) daddafa. Bukhariif muslimtu odeesse. Imaamu ahmad ni ida'e nabiin waan takkallee kadhatamee kennu malee hin hafu, jedhe.
8-Qaraatii qur'aanaa heddummeessuu. Nabiin keenya qaraatii qur'aanaa soomana keessaa haalaan heddumeessa ture.
9-Salaata halkanii salaatuu.
Hadisatti ''Namni Ramadaana dhaabbate (salaate) dhugaoomsaa abdachaa badiin isaa tadabarte araarama godhamtiif'' .
bukhaarii fi muslim